Namoonni hedduun yeroo jalqaba hojii adsense website jalqaban yaada wal fakkaatu tokko qabu: yaadni kuniis; “Traffic yookiin daawwattoonni yoo baay’ate, galiin AdSense ofumaan dabala.” yaada jedhu qaban. Garuu dhugaan jiru isa kana irraa fagoodha. Kana jechuunis Traffic yookiin daawwattoonni qofti galii website keetii ol kaasuuf gahaa miti. Wanti galii AdSense website keetii murteessu inni guddaan qulqullina qabiyyee (content) barreeffama keetiiti.
Google yeroo hunda wanti inni irratti xiyyeefatu tokko maali yoo jette:
👉 Muuxannoo fayyadamummaa keetiiti (User Experience)
Yoo Qabiyyeen (content) barreefama keetii:
- Nama kan gargaaru ta'e,
- Amanamummaa qabaate,
- Sirnaan qindaa’e,
- Rakkoo namaa furu irratti xiyyeeffate,
Google AdSense irraa galiin ati argattu ni dabala.
Barreeffama kana keessattiis, akkamitti akka qulqullinni qabiyyeen (content) barreeffama keeti:
- CPC dabalu,
- CTR fooyyessu,
- Daawwattoota gara galiitti jijjiiru
barreeffama kana keessattiis bal'inaan kan barattuu fi muuxannoo irraa horattuudha.
Barreeffama Qulqullina Qabiyyee (Content Quality) Qabu Jechuun Barreeffama Akkamiiti?
Qabiyyee barreeffama qulqullina qabu kan jennuun yoo barruun kee sun:
✔ Odeeffannoo dhugaa fi sirrii kan kennu ta'e
✔ Namni dubbisee hubachuu kan danda’u yoo ta'e
✔ Rakkoo furuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta'e
✔ Website biroo irraa kooppii kan hin taane (Original) yoo ta'e
✔ Sirnaan qindaa’e
Barreeffama Qabiyyee qulqulluu jechuudha.
Qabiyyeen (Content) barreeffama qulqullinni isaa gad aanaadha jennuun immoo:
✖ Namni dubbisuuf kan irra hin turre yoo ta'e
✖ Beeksisni (Ads) hin irratti hin argamne yoo ta'e
✖ Sadarkaa (Ranking) kan hin qabne yoo ta'e
✖ Galii kee xiqqaataa kan demu yoo ta'e
Qabiyyeen barreeffama keetii qabiyyee barreeffama qulqullina hin qabne jedhama.
Akkamitti Qulullina yookiin qulqullinni Qabiyyee (Content Quality) Barreeffama keetii Galii AdSense Keetii Dabaluu Danda’a?
Akka Namni Website Keessa Turu Godha
Qabiyyee (Content) gaarii fii ergaa qabu yoo barreessite:
- Namni dubbisuuf keessa tura
- Fuula sana xumuree kan biraa ilaala
- Yeroo dheeraa website kee keessa tura
Kana jechuun immoo:
👉 Beeksisa (Ads) hedduu arguu danda'a
👉 Carraaan beeksisa cuqaasuu (Click) ni dabala
Kanaaf, time on site = income potential dha jechuudha.
Qulqulliina Qabiyyee CTR (Click-Through Rate) Fooyyessa
Yoo qabiyyeen (content) barreeffama keetii:
- Nama hawwate,
- Sirnaan ibsa namaaf kenne,
- Amanamaa fi ergaa dhugaa qabaate,
Daawwattoonni yookiin dubbistoonni:
👉 Website kee ni amanatu
👉 Beeksisa (Ads) ilaalu ni jaalatu yookiin ni hawwu
Qabiyyee faayidaa hin qabne (Garbage content) keessatti namni beeksisa (ads) hin tuqu.
Qabiyyee Qulqullina Olaanaa Qabu (High-Quality) Dursee Daawwattoota Yookiin Traffic'f Geessa
Search engines:
Irratti Qabiyyee (Content) qulqullina qabu fuuldura irra kaa’a.
Kun immoo siif:
✔ Daawwattoota fedhii dubbisuu qaban fida
✔ Daawwattoota tasaa (Random) hin fidu
✔ Namoota beeksisa (ads) daawwachuu irratti dhugumaan fedhii qaban fida
Daawwataa (traffic) sirrii = CPC olaanaa.
Beeksistoonni (Advertisers) Qulqulliina Qabiyyee Ilaaluun Qabiyyee (Content) Gaarii Filatu
Siistemiin adsense (AdSense system):
- Tasa beeksisa (Ads random) hin agarsiisu.
- Qabiyyeen Content) keetii ilaalee beeksisa (ads) filata.
Yoo qabiyyeen barreeffama keetii qulqulluu fi ergaa kan qabu ta’e:
👉 Beeksisa (Ads) gatii olaanaa qabantu website kee irratti mul’ata.
Yoo Qulqullinni qabiyyee barreeffama keetii gad aanaa ta’e immo:
👉 Beeksisa (Ads) gatii xiqqaa qofatu website kee irratti mullata.
Amaloota Qabiyyee (Content) Galii AdSense Guddistuu
✔ Barreeffama Qulqulliina Qabiyyee Dheeraa Bu’a Qabeessa Ta'e Barreessi
Qabiyyeen barreeffamaa gabaabaan:
- Gatii hin qabu
- Beeksisa (Ads) xiqqoo qofa agarsiisa
Qabiyyee barreefamaa dheeraan immoo:
- Hawwattummaa (Engagement) dabala
- Jechoota ijoo (Keywords) hedduu qabaata
- Iddoo teessuma beeksisaa (Ads placements) dabala
✔ Qabiyyee Qulqulluu (Original Content) Qofa Barreessi
Qbiyyeen kooppii (Copy content) ta'e:
✖ Sadarkaa (Rank) hin qabaatu
✖ AdSense irraa'is galii hin argamsiisu
Qabiyyee qulqulluun (Original content) immoo:
✔ Amanamummaa (Trust) ijaara
✔ Aangummaa (Authority) qabaata
✔ Beeksisa foyyeessa (Ads performance)
✔ Rakkoo Furu irratti Xiyyeeffadhu
Qabiyyee (Content) gaarii jechuun: Waan hundaa xiqqoo ibsuu qofa osoo hin taane rakkoo tokko furu keessatti xiyyeeffannoo guddaa kan qabuudha. Kun immoo dubbistoonni maarsariitii kee keessa akka turanii dubbisan godha.
✔ Akka Namni Dubbisuuf Salphaa Godhi Yookiin Qulqulliina Qabiyyee Afaan Namaaf Galuun Barreessi
Kana Godhuuf ammoo:
- Mata-duree adda addaa godhi
- Keeyyata (paragraph) gabaabaa
- Ibsaa salphaa
Kun 'readability' fooyyessa = hawwattummaa (engagement) dabalaa.
✔ Keyword Stuffing Irraa Of Eegi
Jecha ijoo barbaachisummaa isaan ala dirqisiisuun fayyadamuun:
✖ SEO miidha
✖ User ni dadhaba
✖ Ads performance gad bu’a
Barreeffamni uumama:
✔ sadarkaa fooyyessa
✔ Namni dubbisa
✔ Galiin (Revenue) dabala
Madaaltu Qulqulliina Qabiyyee (Content) Gad Aanaa vs Qabiyyee Gaarii
Qabiyyee Gad Aanaa:
- Jecha irra deddeebii fayyadama
- Odeeffannoo xiqqoo dabarsa
- Caasaa (Structure) hin qabu
- Namni saffisaan keessa ba'a
👉 Beeksisni (Ads) hin argamu.
Qabiyyee Gaarii:
- Ibsa bal’aa qaba
- Fakkeenya qaba
- Namatti dubbata
- Rakkoo fura
👉Beeksisni (Ads) irratti mul'ata.
Hariiroo Qulqullina Qabiyyee (Content Quality) fi CPC (Cost Per Click)
Beeksistoonni:
- Website qulqullina qabu irratti Beeksisa (ads) isaanii beeksisuu barbaadu.
- Sababiin isaas dhageettummaan (audience) isaa amanamaadha.
Kanaaf:
✔ Qabiyyee gaariin, CPC olaanaa qaba
✔ Amanamummaan beeksisni (Ads) gatii guddaa qabu akka website kee irra dhufuuf harkisa
Akkamitti Qabiyyyee (Content) Kee Fooyyessuu Dandeessa?
Qorannoo (Research) Cimaa Godhi
Barreessu keetiin dura:
- Audience beekuu
- Gaaffii fedhii fi gaafii dubbistoota hubachuu
- Gaafii dubbistoota saniif immoo furmaata kennuudha
Qabiyyee Yeroo Yeroon Haaromsi (Content Update)
Qabiyyee Bulaa:
👉 Fooyyessi
👉 Odeeffannoos itti dabali
👉 Caasaa (Structure) isaas sirreessi
Kun sadarkaa marsaariitii keetii ol kaasaa deema.
Muuxannoo (Experience) Keetiin Qulqulliina Qabiyyee Eegii Barreessi
Barreeffamni kee dubbistootaaf:
Barreeffama AI barreeffameen wal fakkaachuu hin qabu
Muuxannoo (Experience) dhugaa sirraa argachuu barbaadu.
Barreeffama Baay'ee Barreessuu Irra Barreeffama Qabu Filadhu
Barreeffama 10 qulqullina hin qabne irra; barreeffama 2 kan qulqullinaa qabu wayya. Sababniis galiin adsense qulqullina barreeffamaa irrattti hundaa'a.
Dogoggoroota Galii AdSense Hir’isan
✖ Mata dureewwan cuqaasaaf qofa nama afeeruu (Click bait titles)
✖ Barruu gabaabaa barreessuu
✖ Barreeffama maarsariitii fi Ai barreeffame akkum jirutti kooppii (Copy-paste) ta'e
✖ Jechoota ijoo kijibaa (Spam keywords)
✖ Barreeffama karoora xiyyeeffannoo fayyadamtoota hin qabne
✖ Barreeffama qabiyyee fedhii fayyadamtoota hin qabne
Isaan kun hundi galii kee balleessu.
Xumura
AdSense irraa galii guddaa argachuuf: Daawwatoota (Traffic) qofa si barbaachisa. Osoo wanti irra caalaatti barbaachisu Qulqulliina Qabiyyee yookiinqabiyyee (Content) qulqullina qabu.
Yoo qabiyyeen barreeffama keetii:
- Kan nama gargaaru ta'e,
- Sirriitti qindaa’e,
- Rakkoo dubbistoota furuu irratti xiyyeeffate, fi
- Amanamaa ta’e,
AdSense madda galii kee guddaa siif ta'a.
Gabaabumatti qabiyyee jechuun: madda maallaqa yeroo dheeraa hojjetudha.
Qorannoo Jechoota Ijoo Namoota Haaraa Jalqabaniif (Keyword Research for Beginners)
