Marsaariitii (Website) Guddisuuf Geessituun Keessoo (Internal Link) Maaliif Barbaachisaadha?
Home » Beginners Digital Learning Blog  »  Marsaariitii (Website) Guddisuuf Geessituun Keessoo (Internal Link) Maaliif Barbaachisaadha?

Yeroo ammaa kana, namni hundi marsaariitii (website) qabaachuu danda’a. Garuu marsaariitii qabaachuun qofti gahaa miti; akka inni guddatu, namoonni argatan, fi Google irratti sadarkaa gaarii argatu gochuun barbaachisaadha. Kana keessatti wanti guddaan tokko Geessituu Keessoo (Internal Link) dha.

Namoonni hedduun SEO irratti hojjetan akkaataa barreeffama barreessuu, keyword filachuu, fi geessituu alaa (outbound link) argachuu irratti xiyyeeffatu. Garuu geessituun wayta kana godhanitti geessituun keessoo ni dagatama. Dhugaan jiru garuu, geessituun keessoo sirnaan ijaarame marsaariitii kee sadarkaa gara olitti ol kaasuuf gahee olaanaa qaba.

Geessituu Keessoo (Internal Link) Jechuun Maali?

Geessituu Keessoo jechuun linkii tokkoo fuula (page) tokko irraa gara fuula biraatti marsaariitii tokkoo keessatti link geessituudha.

Fakkeenyaaf:

Yoo ati barruu haarawa waa’ee SEO barreessite, achi keessatti gara barruu biraa kan waa’ee keyword research ibsu kan ati sanaan dura barreesitee jiru tokkotti liinkiin si geessitu sun geessituu keessoo (internal link) jedhamati. Kana jechuun; fuula tokko irraa gara fuula biraa, yookiin domain walfakkaatu keessatti tan wal qunnamsiiftu jechuudha.

Maaliif Geessituun Keessoo SEO keessatti Barbaachisa Taate?

Geessituun Keessoo

1️⃣ Google Fuula Marsaariitii Keetii Salphatti Akka Hubatuuf Gargaara

Search engine akka Google marsaariitii kee qorachuun (crawl) akka danda’u, linkiin keessoo gargaara.

Yoo fuulli marsaariitii keetii kan wal hin qunnamsiifamne ta’e immoo; google 'n fuula hunda tokko tokkoon hin argatu yookiin index hin godhu.

Garuu yoo geessituun keessoo sirnaan ijaarame jiraate, google salphatti fuula hunda argata. Ijaarsa marsaariitii keetiitis hubata.

2️⃣ Humna Sadarkaa Qoodduudha

Fuulli tokko yeroo baay’ee tiraafikaa fi abbooma (authority) qabaachuu danda’a. Yeroo kana yoo ati geessituu keessoo fuula sana irraa gara fuula haaraatti geessituu itti goote:

  • Humni isaa gara fuula haaraa sanaatti darba yookiin qoodama
  • Fuulli haaraan suniis saffisaan guddachuu danda’a

Kana jechuun immoo geessituun keessoo akka fakkeenya bishaan laga tokko irraa gara laga biraatti yaa’uutiin wal fakkaata. Gama biraatiin geessituun keesssoo kaartaa (map) marsariitii keetiiti jechuudha.

3️⃣ Namni Yookiin Dubbisaan Marsaariitii Kee Keessa Yeroo Dheeraa Akka Turu Taasisa

Yeroo namni tokko barruu kee fuula marsariitii keetii tokko dubbisu:

  • Yoo linkiin dabalataa fuula biraatti geessu yookiin ceesisu jiraate
  • Dubbisaan gara barruu fuula biraatti bifa salphaan ce'a

Kun immoo:

  • Bounce rate ni hir’isa
  • Page views ni dabala
  • SEO ni fooyyeessa

4️⃣ Ijaarsa Marsaariitii (Site Structure) Sirreessa

Marsaariitii gaarii jechuun; ijaarsa ifaa; akkasumaas, kutaa fi mata-duree wal qunnamsiifamoo yoo qabaateedha.

Geessituun keessoo:

  • Kutaa tokko irraa gara kutaa biraatti salphatti ce'uuf karaa bana
  • Mataa-duree walitti hidhataa uuma

Kun immoo Google fi namootaaf hubannaa salphaa kenna.

Akaakuu Geessituu Keessoo

🔹 1. Geessituuwwaan Qajeelcha Ijoo (Navigation Links)

Isaan kunniin immoo:

  • Menu
  • Header
  • Footer

Keessatti kan argamaniidha.

🔹 2. Geessituu Mxxansa Waliitti Galoo (Contextual Links)

Isaan kun maxxansa barruu kee keessaa irratti jecha tokko yookiin hima tokko irraa gara barruu biraatti kan geessituudha. SEO keessatti immoo isa kana fayyadamuun baay’ee barbaachisaadha.

Akkamitti Geessituu Keessoo Sirnaan Ijaarra?

✅ 1. Qajeelchituu Sirrii (anchor text) Fayyadami

Fakkeenyaaf “as tuqi” jecha je'u irra jecha ibsa qabu fayyadami.

Gama birootiin:
❌ As tuqi
✅ Tarsiimoo SEO fooyyessuu

✅ 2. Fuula Walitti Hidhata Qaban Wal Qunnamsiisi

Fakkeenyaaf, barruu waa’ee Adsense barreessite irraa gara barruu waa'ee wordPress fi SEO geessituu geessituun waliitti hidhuun hidhata geessituu sirrii uumte jechuudha.

Garuu barruu waa'ee sport barreessite irraa geessituu gara barreeffama waa'ee Insuranc geessitu fayyadamuun waliitti hidhuun sirrii miti.

✅ 3. Geessituu Barruu Haaraa Gara Barruu Durii Geessitu Ijaari

Yeroo barruu haarawa barreessitu yookiin maxxansitu:

  • Geessituu keessoo gara barruu durii 2–5 geessituu dabaluuf yaali
  • Akkasumas barruu durii keessa gara barruu haaraa dabaluuf yaali

Kun marsaariitii kee walitti hidhata cimaa akka uumu gargaara.

Irra Caalaan Yookiin Guddinaan Akkamiitti Marsaariitiif Geessituu Keessoo Fayyadamna?

Fakkeenyaaf: marsaariitii beekamaa akka Wikipedia yoo ilaalle:

  • Barruu tokko keessatti linkiin hedduun argama
  • Jecha tokko tuqnaan gara ibsa biraatti si geessa

Kanaaf:

  • Namni yeroo dheeraa keessa ni tura
  • Odeeffannoo bal’aa argata
  • Google immoo ijaarsa isaa saphaatti hubata

Dogoggora Geessituu Keessoo Irratti Yeroo Baay'ee Uumamu

❌ Geesituu (link) gar-malee baay’isuu
❌ Akeektuu (anchor text) wal fakkaatu yeroo hunda fayyadamu
❌ Fuula hin barbaachifneen waliitti hidhuu
❌ Geessituu hin akeekne (broken link) fayyadamuu

Yommuu geessituu keessoo ijaarrutti kana irraa of eeguu qabna.

Tarsiimoo Olaanaa (Advanced Strategy)

🔥 1. Qabiyyee Bu'uura (Pillar Content) Uumi

Barruu guddaa tokko barreessi (2000+ jecha).
Achii keessaatti:

  • Gara barruu xixiqqoo 5–10 geessi

Kun akka network tokkootti hojjeta waan ta'eef.

🔥 2. Topic Cluster Fayyadami

Mata-duree tokko jalatti:

  • Barruu adda addaa barreessi
  • Wal qunnamsiisi

Kun immoo SEO irratti bu’aa guddaa qaba.

Xumura

Geessituu Keessoo jechuun linkii tokkoo fuula (page) tokko irraa gara fuula biraatti marsaariitii tokkoo keessatti link geessituudha.

Bu'aan geessituu keessoo kuniis:

  • SEO ni fooyyeessa
  • Sadarkaa maarsariitii keetii google biratti ni dabala
  • Tiraafikaa ni guddisa
  • Namni yeroo dheeraa akka turu taasisa
  • Ijaarsa marsaariitii ni cimsa

Yoo marsaariitii kee guddisuu barbaadde:
👉 Har’a irraa eegaliitii geessituu keessoo sirnaan ijaaru jalqabi.

SEO keessatti wanti xiqqaa fakkaatu tokko, bu’aa guddaa argamsiisa.

Akkamitti Meeshaalee Google Fayyadamuun Mikaa’ina SEO Madaalu (How to Track SEO Success Using Google Tools)

Easy Steps to Build a Website (Beginner Friendly Guide 2026)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *