Turtii Yeroo Hangamii Keessatti Adsense Irraa Galii Argachuu Dandeenya?
Home » Beginners Guide  »  Turtii Yeroo Hangamii Keessatti Adsense Irraa Galii Argachuu Dandeenya?

Google AdSense fayyadamuun galii argachuun hawwii namoota hedduuti. Garuu gaaffiin namoota baay’een gaafatan tokko: Turtii Yeroo Hangamii Keessatti Adsense Irraa Galii Argachuu Dandeenya? Gaafii jettuudha. Yeroo gabaabaa keessatti galii argachuun ni danda’amaa? Yookaan baay’ee turuu danda’a?

Dhugaan jiru: AdSense tapha saffisaa miti. Galiin online yeroo fi shaakala barbaada. Barreeffamni kun immoo siif waan bu'uura jalqabbii galii adsense akka ati yeroo sirrii fi tarsiimoo ittiin galii argattu hubattuuf si gargaara.

1. Turtii Yeroo Galii AdSense Argachuu Itti Eegallu

Marsariitii haaraa yoo ijaarte,Galii argachuu jalqabuuf, AdSense account kee approval argachuu qaba. Approval saffisaa argachuuf:

  • Website yookiin marsariitiin kee fuula guutuu qabaachuu qaba: Privacy Policy, About Us, Contact Page
  • Qabiyyee yookiin content qulqulluu barreessuu: Barruu jecha 800–1500+ ol qabu, original, dubbistoonni waa irraa barachuu danda'an
  • Traffic yookiin daawwattoota xiqqoo argachuu: Namoota dhugaa irraa dhufu

Kana immoo gootee dheerina yeroo hangamitti approval argachuu danddeessu

? gaafii jettuuf:

  • Torbaan 1-4 marsariitii keessan qulqulluu fi Fuula guutuu yoo qabaate yeroo kana keessatti mirkaneessa argachuu danda'a.
  • Yoo dogoggora qabaate immoo: torban hedduuf dheerachuu danda’a

2. Hariiroo Daawwattoota fi Galii (Earning) Adsense

Galiin AdSense irraa argattu traffic yookiin daawwattoota irratti hundaa’a:

  • Traffic xiqqaa (10–100 visitors/day): Galii xiqqaa $0–$5/day
  • Traffic giddugaleessa (500–1000 visitors/day): Galii $5–$20/day
  • Traffic guddaa (5000+ visitors/day): Galii $50+ per day

Hubachiisa: Garaagarummaan Galii kun CPC (Cost per click) fi niche irratti hundaa’a. Fakkeenyaaf,nicheewwan Finance, tech, health niches CPC ol’aanaa qabu.

3. Barruu fi Qulqullina Qabiyyee

Barruu gabaabaa fi hiika hin qabne AdSense approval dadhabsiisa.

  • Barruu dheeraa fi bu’aa qabu (jecha 1000 ol)
  • SEO optimized, keyword-focused yookiin jecha ijoo
  • Fayyadamtootaaf yookiin dubbistootaaf akka tolutti saxaxamuu qaba

Kun dheerina yeroo galii itti argachuu jalqabdu siif gabaabsuu danda’a, sababni isaas traffic organic saffisaa argata.

4. Iddoo Teessuma Beeksisa (ads placement)

Iddoo Teessuma Beeksisa (Ad placement) sirrii kaa'uun galii ol kaasuuf murteessaadha:

  • Above the fold (fuula jalqabaa)
  • Keessoo qabiyyee (In-content ads)
  • Cinaacha irra yookiin Sidebar ads (desktop traffic)
  • Dhuma barreeffamaa irra yookiin yookiin End of article ads

Ads iddoo dogoggoraa kaa’ame CTR xiqqeessa → galii ni laafa.

5. Turtiin Yeroo Galii Ittui Argachuu Dandeenyu yookiin jalqabnuu

Irra hedduun maxxansitoota haaraa:

  • Ji'a 3- 6 (3–6 months): Traffic xiqqoo fi content fooyya’e booda galii jalqaba argatu
  • Ji'a 6-12 (6–12 months): Traffic stable fi SEO sirriin galii dhugaa argamu
  • Waggaa 1 fi isaa ol (1+ year): Galiin online dhaabbataan immoo yeroo dheeraa irratti dabalaa deemu

Obsaa fi hojii sirrii barbaachisa malee. AdSense tapha saffisaa miti.

6. Qabxiiwwan Murteessoo Saffisaan Galii Adsense Argachuuf (Tips to Earn Faster from AdSense)

  1. High CPC niche filadhu: Finance, tech, health fi kkf
  2. Barruu dheeraa fi bu’aa yookiin ergaa bu'aa qabu barreessi
  3. SEO sirnaan hojjadhu
  4. TrafficYookiin daawwattoota organic ijaari: Social media, email marketing. google search kan dhufan
  5. Iddoo kaa'umsa beeksisa (Ad placement) sirrii fayyadami
  6. Seera AdSense kabaji

7. Xumura

“Turtii Yeroo Hangamii Keessatti Adsense Irraa Galii Argachuu Dandeenya?” jechuun akka gaariitti deebisu:

  • Approval argachuuf torbaan 1-4
  • Galii jalqabaa argachuuf ji'a 3–6
  • Galii dhaabbataa fi guddisuun ji'a 6–12+

Kanaaf Marsariitii kee irratti obsaan hojjedhu, qabiyyee qulqulluu uumi, traffic ijaari, fi ads sirnaan iddoo sirrii kaa’i. Milkaa’inni Galii Adsense yeroo dheeraa fi shaakala barbaada, garuu galii sirrii argachuun akka ajaa'ibaatti danda’ama.

Qajeelfama Guutuu Google Adsense Maxxansitoota Hundaaf olu asii dubbisi

Dogoggora Beekamoo Marsariitiin Haaraan Raawwatan Irraa Of eeguu qabdu asii dubbisi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *