Yeroo ammaa kana addunyaan dijitaalaa saffisaan guddachaa jira. Namoonni baay’een website mataa isaanii ijaaru, hojii online jalqabu, blog barreessu, yookaan ecommerce hojjechuu jalqaban jiru. Garuu gaaffiin guddaan tokko jira: Innis: Website keenya nageenya ni qabaa? Nageenya website eeguu fardiidha
Website nageenya hin qabne jechuun carraa guddaa miidhaa, hatamuu odeeffannoo, fi kasaaraa maallaqaa of keessa qaba. Kanaafuu, barreeffama kana keessatti Essential Website Security Tips for Beginners jechuun gorsa nageenya website barbaachisaa ta’an isiniif dhiheessa.
Maaliif Nageenya Website Eeguu Barbaachisaa?
Nageenya Website jechuun eegumsa website kee harka hacker, malware, fi weerara cyber irraa taasisuudha.
Yoo website kee hin eegne ta’e:
- Data maamiltootaa ni hatama
- Website kee ni cufa ykn ni kufa
- Google si adabuu danda’a
- Amantiin maamiltootaa ni hir’ata
- Maallaqni kee ni kasaara
Kanaaf, nageenyi website filannoo osoo hin taane dirqama.
HTTPS fi SSL Fayyadamuu
Gorsa nageenya website keessa tokko inni jalqabaa fi barbaachisaa ta’e SSL certificate fayyadamuudha.
HTTPS jechuun odeeffannoon website kee fi fayyadamaa gidduutti dabru sirnaan icciitiidhaan eegama jechuudha.
Faayidaa isaa:
✔ Data encryption
✔ Amantaa maamilaa
✔ Sadarkaa gaarii Google irratti
✔ Weerara “man-in-the-middle” ittisa
Yoo amma iyyuu HTTP irratti jiraatte, gara HTTPS jijjiiruuf tarkaanfii fudhadhu.
Nageenya Website Eeguu Keessatti Password Cimaa Fayyadamuu Qabna
Namoonni baay’een dogoggora guddaa tokko hojjetu — password salphaa fayyadamu.
Fakkeenyaaf:
- 123456
- admin123
- password
Kun balaa guddaa qaba.
Password cimaa jechuun:
- Qubee guddaa fi xixiqqaa walitti makuu
- Lakkoofsa dabalu
- Mallattoo addaa (#, @, !, %) fayyadamu
- Jecha dheeraa fayyadamu
Fakkeenya: Tofik@2026Secure!
WordPress fi Plugin Update Taasisuu
Yoo WordPress fayyadamte, yeroo hunda:
- WordPress version update godhi
- Plugin update godhi
- Theme update godhi
Update gochuu dhiisuun hacker seenuuf balbala bana.
Yeroo hedduu weerarri cyber kan dhufu sababa software dulloome irraa ta’uu danda'a.
Backup Website Sirnaan Qopheessuun Nageenya website eeguu eeguu keessatti murteessadha.
Yoo rakkoon si mudate hoo?
Website kee yoo hatame yookaan kufe, backup yoo qabaatte deebi’anii deebisuu dandeessa.
Gorsa:
- Backup torbanitti yoo xiqqaate yeroo tokko godhi
- Backup gara cloud (Google Drive ykn Dropbox fakkaatu) kaa’i
- Automatic backup fayyadami
Backup jechuun inshuraansii website keetiiti.
Firewall fi Security Plugin Fayyadamuu
Website security cimsuuf firewall fi security plugin fayyadamuu dandeessa.
Fakkeenyaaf:
- Wordfence
- Sucuri
Isaan kun:
✔ Weerara ittisu
✔ Malware sakatta’u
✔ Login attempt to’atu
✔ IP shakkamaa cufu
Login URL Jijjiiruu
Namoonni baay’een WordPress login page isaanii akka:
yourwebsite.com/wp-admin
itti dhiisu. Hackeroonni iddoo kana sirriitti beeku.
Login URL jijjiiruun nageenya website kee dabala.
Two-Factor Authentication (2FA) Fayyadamuun Nageenya Website Eeguu Keessatti Hangam Barbaachisa
2FA jechuun yeroo login gootu:
- Password galchita
- Code bilbila kee irratti ergame dabalu qabda
Kun carraa hacker akka hin seenne baay’ee xiqqeessa.
Hosting Filannoo Gaarii Taasisuu
Hosting salphaa fi hin amanamne fayyadamuun nageenya website keetii miidha.
Hosting filachuun:
✔ Nageenya server
✔ Backup sirrii
✔ SSL kenna
✔ Support saffisaa qaba
Website kee akka manaatti ilaali. Kanaaf immoo mana cimaa ijaaruu qabda.
Nageenya Website Eeguu File Permission Sirreessuu
File permission dogoggoraa ta’e hacker seenuuf carraa bana.
- 755 directory
- 644 files
Kun setting sirrii ta’e dha (yoo WordPress fayyadamte).
Malware Sakatta’uu
Yeroo hunda malware scan godhi.
Yoo mallattoon armaan gadii jiraate:
- Website saffisaan hin hojjetu
- Ads hin beekamne mul’ata
- Google “This site may be hacked” jedha
Yeroo sanatti tarkaanfii fudhadhu.
Dogoggoroota Nageenya Website Eeguu Nu Sakaalan Irraa Of Eeguu Qabnu
❌ Software dulloome fayyadamuu
❌ Backup dhabuu
❌ Password salphaa fayyadamuu
❌ Public WiFi irratti login gochuu
❌ Admin tokko qofa fayyadamuu
Xumura
Essential Website Security Tips for Beginners jechuun gorsa salphaa ta’an garuu bu’aa guddaa qabaniidha.
Website kee nageenya qabaachuun:
- Maallaqa kee eega
- Maamiltoota kee eega
- Maqaa kee eega
- Sadarkaa Google kee eega
Yoo amma website qabda ta’e, har’a irraa jalqabi:
✔ HTTPS mirkaneessi
✔ Password jijjiiri
✔ Update godhi
✔ Backup qopheessi
Nageenyi website hojii yeroo tokkoo osoo hin taane hojii itti fufiinsa qabuudha.

Comments are closed!