Addunyaa dijitaalaa keessatti google adsense irraa galii argachuuf barruun tokko qofa barreessuun gahaa miti. Namoonni waan barbaadan marsaariitii yookiin biloogii kee irraa akka argatan gochuuf, wanta isaan barbaadan maal akka ta’e hubachuunis murteessaadha. Kana jechuun qorannoo jecha ijoo (keyword research) gochuun baay'ee barbaachisaadha.
Namoonni hedduun blog, Marsaariitii (website), yookaan hojii online jalqabanii galii irraa argachuuf rakkatu yookiin dadhabu; sababni isaas fedhii fayyadamtoota sirritti hubachuu dhabuu irraa kan ka'e, wanta namni hin barbaadne irratti yeroo isaanii dabarsu yookiin qisaaseessu. Kanaafuu furmaata kan ta'u jechoota qorannoo (keyword research) karaa salphaa fi ifa ta'een jalqabuun dura hubachuu feesisa. Kun immoo namoota haarawa jalqabaniifiis dogoggora kana irraa isaan baraara.
Barreeffama kana keessatti:
- Qorannoon jecha ijoo (Keyword research) maal akka ta’e
- Maaliif akka barbaachisu
- Akkamitti hubachuu akka dandeessu
- Tartiiba hojii salphaa ittiin hojjettu
- Akkasumaas, Dogoggoroota si mudachuu malan irraa isin baraaraa
Kanneen armaan olii kana hunda barreeffama kana keessatti sirnaan ni hubattu.
Keyword Research Maal Jechuudha?
Keyword research jechuun jechoota yookaan gaaffilee namoonni interneetii irratti barbaadan adda baasuu fi qorachuu dha.
Fakkeenyaaf:
Namni tokko:
- “hojii online”
- “akka maallaqa online argatan”
- “digital skills barachuu”
jedhee yoo barbaade, jechoonni kun keywords dha.
Ati yoo barruu kee jechoota kana irratti ijaarte, namoonni si argatu. Yoo garuu wanta isaan hin barbaadne barreessite, website kee namni hin argu.
Kanaaf keyword research jechuun:
👉 “Namni maal barbaadaa jira?” jedhu dura hubachuu dha.
Barbaachisummaan Qorannoon Jecha Ijoo (Keyword Research) Maali ?
1. Namoonni Qabiyyee barruu keetiin fakkaatu yeroo barbaanitti barruu kee akka salphatti arganiif
Barreefamni kee yoo namni hin argine immoo, hojiin kee hundi milkaa'ina hin qabaatu. Kanaaf jecha ijoo (Keyword) sirnaan hubachuun barreeffama keessatti jecha ijoo sirnaan fayyadamuun barreeffama qopheessuun balbala namoonni baay'een ittiin seenanii barreeffama kee dubbisan saaquudha.
2. Daawwattoota yookiin Trafikii (Visitors) Dabala
Jechi ijoo (Keyword) sirrii = daawwataa yookiin fayyadamaa sirrii harkisa.
Namoota qabiyyee barreeffama keetiin wal fakkaatu barbaaduutu karaa salphaan barreeffama kee argata.
3. Maallaqa Yookiin Galii Argachuu Dandeessa
Maarsariitiin (Website) tokko yoo namoota yookiin fayyadamatoota yookiin daawwattoota hedduu qabaate galii gaarii salphaatti siif galchuu danda'a. Kuniis kan ta'u ulaagaalee of danda'an qaba. Ulaagaaleen kunneenis:
- Beeksisa (Ads)
- Faddaalummaa yookiin maammila harkisuu (Affiliate)
- Tajaajila (Services)
- Oomisha aammayaawa (Digital products)
kanneen armaaan olii kana irraatti hundaa'uun galii siif argamsiisa.
4. Fedhii Dubbistoota Hubachuun Namni Barbaadu Barreessuu
Barreeffama yeroo qopheessitu fedhii fayyadamtoota yookiin daawwattoota giddugala godhachuun qopheessuu qabda. Kuniis akka daawwattoonni yookiin fayyadamtoonni waa irraa baratan yookiin hubatan taasisa, akkasumaas hawwattummaa biloogii yookiin marsaariitii keetii dabala.
Akaakuulee Jechoota Ijoo (Keywords) Akkam Akka Fayyadamuu Qabduu fi Beekuu Qabdu Addaan Baaste Beekuu
1. Jechoota Ijoo Gaggabaaboo (Short Keywords) Fayyadamtoonni Salphatti Argachuu Danda'aan
Fakkeenyaaf:
- hojii
- maallaqa
- online
Jechoota je'aan kan namoonni deddeebiin google irraa barbaadan (search)
Faayidaa:
✔ Namoonni hedduun jechoota gaggabaaboo akkanaa barbaadu (search) godhu
Rakkoo:
✖ Dorgommii cimaa qaba sababniis barreessitoonni baay'een jechoota gaggabaaboo akkanaa fayyadamu waan ata'eef
2. Jechoota ijoo dheedheeroo (Long-Tail Keywords)
Fakkeenyaaf:
- akkaataa hojii online itti jalqabnu beektu
- barnoota ogummaa aammayyaa namoota haraya jalqabaniif (digital skills beginner)
- maallaqa online argachuuf mala salphaa beektu
Faayidaa:
✔ Dorgommii xiqqaa qaba sabaaba barreessitoonni baay'een jecha ijoo dhedheeraa hin fayyadamneef
✔Sababa daawwattoonni yookiin fayyadamtoonni baay'inaan jecha dheedheera hin hin barbaanneef daawwattoota sirritti argachuu dhabuu dandeessa.
✔ Sadarkaa (Rank) barbaadamummaa isaaa salphaa ta'a
👉 Kanaaf namoonni haaraya (Beginners) jalqaban kana irraa jalqabuun kanarraa jalqabuun gaariidha.
3. Kaayyoo jecha ijooon barbaadameef (Intent Keywords)
Sababa namni tokko yeroo online seene:
- Odeeffannoo barbaaduuf
- Waan bitu barbaaduuf
- Rakkoo furachuu barbaaduuf
Ati barruu kee jecha ijoo tokko irraatti kaayyeeffattee barreessuu qabda.
Akkamitti Jecha ijoo Fayyadamuun (Keyword Research) Barreessuu Jalqabna?
Tartiiba 1: Mata-duree Kee Kan Irratti Hubanna qabdu tokko Filadhu
Jalqaba niche yookaan mata-duree tokko kan mataa keetii filadhu.
Fakkeenyaaf:
- Barnoota online (Online learning)
- Ogummaa aammayyaa (Digital skills)
- Freelancing
- Hojii Online (Online business)
Tartiiba 2: Daawwattooni Maal Akka Barbaadu Of Gaafadhu — Namni Google Maal Gaafata (search) godha?
Wantoonni Bu'uura ati of gaafachuu qabdu:
- Namni hojii kanaaf haarawa (beginner) maal hin beekne?
- Maal barachuu barbaada?
- Rakkoo nama jalqaba hojii kanatti seene mudachuu danda'u maalil?
Gaafiwwan jettu gaafa of gaafattu gaafi kana keessaa jecha ijoo (key word) argatta.
Tartiiba 3: Yaada Jecha Ijoo Irraatti Xiyyeeffate Barreessi Bal'inaan Barreessi
Barreeffama yaada namaa hatee beekkumsa bal'aa namaaf kennu Barreessi (Brainstorming)
Fakkeenyaaf:
- Ogummaa Aammayyaawa (digital skills) maal fa’i?
- akkamitti online hojjechuu dandeenya?
- hojii bilisaan jalqabuun danda'amu hojii akkamiiti?
- Ogummaa koompitaraa namoota haaraya jalqabaniif (computer skills beginners)
Barreeffama jechoota ijoo kanneen irratti xiyyeeffate baay’inaan barreessi.
Tartiiba 4: Jechoota Dorgommii Ta'an Ilaali Qoradhu
Kana jechuunis jechoota ijoo:
- Barreessitoonni hedduun irratti barreessan?
- Salphaatti sadarkeessuu (rank) gochuu dandeessa?
Namoota haaraya jalqaban xiyyeeffannoo keessa galchuun:
👉 Jechoota ijoo xiqqaa filadhu.
Tartiiba 5: Barruu Tokko Keessatti Jecha Ijoo Tokko Irratti Xiyyeeffadhu
Dogoggorri guddaan barreessitoonni uumaan:
Barruu tokko keessatti wanta dubbii ijoo garagaraa hedduu irratti xiyyeeffate barreessuu.
Garuu haalli sirriin:
✔ Barruu tokko keessatti jecha ijoo (keyword) tokko irratti barreeffama xiyyeeffate taasisi.
Fakkeenya Jecha Ijoo (Keyword) Gara Barruutti Jijjiiruu
Jecha Ijoo:
👉 “akkaataa ogummaa aammayyaa (digital skills) itti barannu”
Barruu:
👉 “Tartiiba Salphaa ogummaa aammayyaa (Digital Skills) itti Barannu namoota haaraya jalqabaniif (Beginner Guide)”
Kun SEO irrattiis sirritti ijaaruuf si gargaara.
Iddoo Jecha Ijoo (Keyword) Itti Fayyadamnu
Keyword bakka hunda maxxansuu hin qabdu. Sirnaan bakka galuu qabu galchii itti fayyadami.
1. Mata duree (Title) Keessatti
Mata dureen barruu keetii jecha ijoo (keyword) qabaachuu qaba.
2. Seensa Barreeffamaa (Introduction) Keessatti
Seensa barreeffama keeyyata jalqaba keessatti ibsi.
3. Mata Duree Citaa (Subheadings) Keessatti
Kutaa adda adda keessatti itti fayyadami.
4. Qaama Qabiyyee Barreeffamaa (Body Content) Keessatti
Akka yaa'umsa yaada gaarii qabaatuu fi hiika sirrii qabaatutti galchi malee dirqisiifte bakka galuu hin qabnetti hin galchin.
5. Meta Description Keessatti
Kun search results keessatti mul’ata.
Dogoggoroota Jecha Ijoo (Keyword Research) Irraatti Uumamu Irraa Of Eegi
✖ Jechoota Ijoo garmalee (Keyword) Gar maleeBarreeffama Tokko Keessatti Hin Baay'isin
Search engine ni burjaaja’a.
✖ Jecha (Keyword) Hin Hatiin
Kan namni biraa fayyadamu qofa hordoftee barreessuu yookiin hatuu hin qabdu.
✖ Barreeffama Namaatti Haasawu Fi Hawwatu Barreessuu dhiisu
SEO qofa guutuuf hin yaadin; barreeffamni kee barreeffama namatti dubbatu haa ta'uu. Yoo ta'uu baate hawwattummaa hin qabu
✖ Barreessuun Dura Qorannoo (Research) Dhiisuu
Tilmaamni (Guessing) hin hojjetu — barreessuun dura qorannoo barbaachisa.
Mala Salphaa Milkaa’ina Siif Fidu
✔ Rakkoo namaa irratti xiyyeeffadhuu barreessi
✔ Jechoota sasalphaa fayyadami
✔ Barruu dheeressii, garuu bu’a qabeessa taasisi
✔ Barreeffama barnoota kennu danda'u irratti xiyyeeffadhu
✔ Cichoomina (Consistency) qabaadhu
Qorannoo Jecha Ijoo (Keyword Research) fi Milkaa’ina Maarsariitii (Website)
Marsaariitiin (Website) guddatan hundi:
- Kan jechi ijoon (Keyword) hubannoon ijaaramani
- Akeeka (Audience) qabu
- Rakkoo furuu irratti xiyyeeffatu
Ati yoo kana sirritti hordofte:
👉 Daawwataan (Traffic) ni dhufa
👉 Fedhii (Trust) ni goonfatta
👉 Galii gaarii ni argatta
Xumura
Qorannoo jecha ijoo (Keyword research) jechuun hojii SEO qofa miti; fedhii dubbistoota yookiin namoota hubachuudha.
Ati yoo:
- Namni maal akka barbaadu beekte
- Rakkoo isaa furte
- Barruu sirrii irratti xiyyeeffatte
Website kee saffisaan guddachaa deema.
Namoota haaraa jalqabaniif:
👉 Jechoota ijoo dhedheeroo (Long-tail keywords) irraa jalqabuu feesisa
👉 Qorannoo gochuu barachuu qabda
👉 Barreessuu, qorachuu, fooyyessaa deemu baradhu.
Milkaa’inni yeroo fudhata, garuu qorannoo jecha ijoo (keyword research) sirriitti yoo hubattee hojjette, bu’aan isaa yeroo gabaabaa keessatti arguu dandeessa.
Akkaataa Google Search Hojiirra Itti Oolu Beektu?
Akkamitti Google Beeksisa (Ads) Gara Website Keetii Fidu Fila?

Students
Hojii kanaa tii gamadee