Akkamitti Cabinsa Seera Adsense Hambisuu Dandeenya (Avoiding AdSense Policy Violations)?
Home » Beginners Guide  »  Akkamitti Cabinsa Seera Adsense Hambisuu Dandeenya (Avoiding AdSense Policy Violations)?
Akkamitti Cabinsa Seera Adsense Hambisuu Dandeenya

Namni website ijaaru kamiyyuu kaayyoon isaa guddaan hojii website isaa irraa galii argachuudha. Karaalee galiin website irraa itti argamu keessaa isa guddaa fi beekkamaan AdSense dha. Garuu namoonni hedduun erga akkawuntiin isaanii google adsense birratti fudhatama argatee mirkaanee'ifiin booda, dogoggora xixiqqoo raawwachuun fi dogoggora isaanii irraa barachuu dhabuun yookiin cabinsa seeraa adsense irra deddeebiin waan raawwataniif akkaawuntii adsense isaanii of irratti cufsiisu.

Barreeffama kana keessattiis wanta guddaa google seera adsense keessatti website kee qabaachuu qabu tokko ni ilaalla: inniniis website’n kee fayyadamaa fi beeksistootaaf amanamaa ta’uu qaba.

Yoo seera adsense kabajje; Galii yeroo dheeraa argatta. Garuu yoo seera cabsite; galii argachuu mitii akkawuntiin adsense keetituu cufamuu danda'a.

Kanaaf barreeffama kana erga dubbifteen booda wanti hubattu:

  • Cabinsi seera (Policy violation) adsense maal akka ta’e ni hubatta
  • Gochoota cabinsa seera adsense geessisan ni hubatta
  • Akkamitti cabinsa seera adsense kana irraa akka itti of eeggachuu dandeenyu ni hubatta
  • Akkasumaas, mala sirrii ittiin galii adsense keetii guddiftuu fi eegdu ni baratta

Cabinsa Seera (Policy Violation) Adsense Jechuun Maal Jechuudha?

Cabinsa seera (Policy violation) adsense jechuun seerota AdSense kabajuu fi eeggachuu qabdu cabsitee yoo hojjatte jechuudha. Garuu yeroo baay;'ee cabinsi seera adsense kun kan uumamu qajeeltoo seera adsense beekuu yookiin hubachuu dhabuu irraa'i, garuu AdSense keessatti seerri daangaan seera adsense ifaadha. Kanaafu seera adsense beekuu fi kabajuu si irraa eegama.

Sababoota Ijoo Akkawuntii Adsense Keenya Cufsiisan

1. Beeksisa (ads) Ofii Cuqaasuu (Invalid Clicks)

Dogoggorri namoonni baay'een raawwatan inni guddaan:

  • Beeksia (Ads) ofii cuqaasuu
  • Hiriyoota isaanii akka cuqaasan gaafachuu
  • “Na deeggaruuf beeksisa (ads) kana tuqaa” jechuun kadhachuu

Kanneen godhanii argamuun immoo seeraan ala. Sababnis system adsense si too'ata waan ta'eef.

2. Daawwattoota (Traffic) Sobaa Fayyadamuu

Namoonni tokko tokko:

  • Daawwataa (traffic) ni bitu
  • Bots fayyadamu
  • Daawwataa sobaa fidu

Daawwataa (traffic) qulqullina yookiin madda dhugaa malee yoo argame, akkaawuntii adsense keetiitiif balaa guddaadha.

3. Qabiyyee Iddoo Biraa Irraa Waraabuun (Content Copy-Paste ) Maxxansuu

Yoo Qabiyyeen kee:

  • Nama biraa irraa waraabame yookiin hatame
  • Akka hin beekkamneen godha jettee xiqqo fooyyeessitee barreessite
  • Qabiyyee qulqullina hin qabne maxxansite

AdSense qabiyyee akka olitti ibsame kanaan barreeffame hin jaallatu. Kanaaf qabiyyeen kee kan kalaqa duraa (original content) qofa ta'uu qaba.

4. Fuula Qabiyyee Keetii Irratti Beeksisa (Ads) Baay’isuun Fayyadamtoota Yookiin Dubbistoota Rakkisuu

Yeroo tokko tokko website namoota:

  • Beeksisni (Ads) baayyachuu irraa kan ka'e osoo beeksisni qabiyyee barruu uwwisee argama
  • Qabiyyee (Content) xiqqaa qaba
  • Barruu dubbisuuf nama rakkisu

Barreeffamni hanqina oliitti ibsine kana qaban immoo muuxannoo fayyadamtoota balleessa. AdSense immoo fayyadamtootaaf dursa laata.

5. Tartiiba Yookiin Baafata (Layout) Nama Gowwoomsu

Tartiiba yookiin xurree nama goowwomsan kunneenis kanneen akka:

  • Beeksisa (Ads) akka geessituu (button) fakkeessuu
  • Download madda sobaa uumu
  • Namni osoo hin beekin akka tuqu gochuu

Gochoonni kunneen immoo gocha gowwoomsuuti waan ta'eef cabinsa seera adsense keessa isa tokko.

6. Qabiyyee (Content) Hin Hayyamamne Maxxansuu

Website irratti wantoota maxxansuun dhoorgaa ta'e keessa:

  • Odeeffannoo seeraan alaa
  • Haasawa jibbansa
  • Qabiyyee balaa uuman fi
  • Odeeffannoo sobaa

maxxansuun AdSense irraa galii argachuu mitii, si fageessa.

Akkamitti Nageenyummaa Website Keenya Tiksina?

✔ Qabiyyee (Content) Qulqulluu Uumi

Yeroo mara barreeffamni kee, Barreeffama:

  • Rakkoo namaa yookiin fayyadamtoota furu irratti xiyyeeffate haa ta'u
  • Odeeffannoo dhugaa fayyadamtootaaf haa kennu
  • Dubbistootaaf salphatti dubbisanii kan hubatuun danda'amu haa ta'u

Yeroo hunda qabiyyee qulqullina qabu maxxansuu irratti yoo kan xiyyeeffattu ta'e, amanamummaa fi galiin adsense keetii dabalaa deema.

✔ Daawwatoota Ija Uumama (Traffic Natural) Ijaari

Yeroo hunda daawwattoonni yookiin fayyadamtoonni:

  • SEO irraa kan dhufan haa ta'anii
  • Namoonni fedhii qabiyyee ati barreessitee qaban haa dhufanii

Yeroo hunda karaa gabaabaa irraa of qusadhu.

✔ Teessuma Beeksisa (Ads) Sirnaan Kaa’i

Beeksisni kee yeroo hunda:

  • Jidduu yookiin walakkaa qabiyyee keetii kaa'i
  • Iddoon teessuma dubbiistoota gufachiisuu hin qabu
  • Baay'achuu hin qabu

Qabiyyeen Website keetii akka beeksisa ta'ee barraa'u qaba osoo hin taane akka barreeffama rakkoo furuuf yookiin ibsuuf xiyyeeffatee ta'uu qaba.

✔ Website Amanamaa Godhi

Website tokko amanamaa ta’uuf:

  • About page qabaachuu qaba
  • Contact page qabaachuu qaba
  • Privacy policy qabaachuu qaba

Ulaagaa kana guuttachuun immoo website kee amanama godha.

✔ Yeroo Yeroon Website Keetiif Too'annoo Fi Hordoffii Taasisi

Wantoonni yeroo hunda too'achuu fi hordofuu qabdu:

  • Ads baay’ateera?
  • Qabiyyeen (Content) fooyya’aadhaa?
  • Daawwattoonni dhugaa dhufaa jiru?

Kun immoo rakkoo dursa argachuu fi furamuu qabaniidha.

Dogoggoroota Namoonni Haarawa Jalqaban (Beginner) Raawwatan

✖ Galii saffisaa barbaadu
✖ Qabiyyee baay’isu malee qulqullinaaf xiyyeeffannaa kennuu dhabu
✖ Seera dubbisuu dhiisu
✖ Dhaadhessa sobaa gochuu
✖ SEO osoo huin ijaarin beeksisa (ads) irratti xiyyeeffachuu

Milkaa’inni dhugaa; Suuta dhufa, garuu daandiin isaa ni ulfaata!

Faayidaa Seera Adsense Kabajuu

Seera adsense yoo kabajje:
✔ Akkaawuntiin adsense keetii umrii dheeraa qabaata
✔ Galii dhaabbataa qabaata
✔ Beeksistoonni (Advertisers) si amanu
✔ Website kee guddina fi sadarkaa argata
✔ Brand ofii ijaarta

Yoo kanneen goonfatte adSense'n hojii fi madda galii yeroo dheeraa siif ta’a.

Qulqulliina Qabiyyee Dhabuun Barreeffama Keetii Akkamitti Galii Google Adsense Keetii Miidha?

Website Haarawa banamerratti fi Google AdSense Irratti Yeroo akkam akka Iyyata Adsense Galchuu Qabdu Beektu?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *