
Namni kamiyyuu kan website haarawa jalqabu tokko yeroo jalqabaa waan tokko yaada. Wanti inni yaaduus: “Akkamitti namoonni yookiin dubbistoonni gara website kootii dhufu?” Akkamitti Organic Traffic Argachuu Dandeenya?
Namoonni hedduunis yaada wal fakkaataa biraa tokko qabu. Yaadni isaanii kuniis beeksisa (Ads) dhaaf kaffaluun traffic fiduudha. Garuu dhugaan jiru kana irraa fagoodha. Traffic inni cimaan, yeroo dheeraa turu, fi galii dhugaa fidu tokko jira. Innis: Organic Traffic dha.
Organic traffic jechuun namoonni kaffaltii tokko malee, ofumaan barbaacha fedhii yookiin waan barbaadan tokko argachuuf gara website keetti yoo dhufan isaan sun organic traffic jedhamu. Kun immoo bu’uura milkaa’ina website kamiiyyuuti.
Akkamitti Organic Traffic Argachuu Dandeenya jechuun dura Organic Traffic Maali?
Organic traffic jechuun:
Namni tokko gaaffii yookiin waan barbaadu tokko Google irratti barreessee; deebii barbaada. Google'nis immoo barreeffama (article) ati website kee irratti barreessite keessaa deebii nama saniif erga. Namni kuniis ofumaan barreeffama google'n ergeef kana irraan website kee seena.
Kana jechuun immoo ati traffic barbaachaaf akka bifa beeksisaa (ads) tiin website kee website nama biroo irratti mullisee traffic fiduuf, osoo:
👉 Ads hin kaffalle
👉 Namicha hin waamne
👉 Hin dirqisiifne
Inni yookiin dubbisaan (traffic) ofumaan dhufe. Kun immoo organic jedhama.
Maaliif Website Irratti Organic Traffic Murteessaa Ta'ee Argame?
1. Kaffaltii Malee Traffic Argamuudha. Kana jechuun immoo:
Paid traffic'n Kaffalteeti baasii itti baaftee dhufa. Yoo kaffaltaa sana kafaluu dhaabde ni dhaabbata. Garuu organic traffic yeroo tokkoof yoo website kee arge, yeroo dheeraaf maammila kee ta'eeti si tajaajila.
2. Trust (Amanamummaa) Website Keetii Ijaara
Namni ads irraa dhufe; waa natti gurguruu yaadan jedhee yaada. Garuu namni search irraa dhufe, furmaata rakkoo furachuu barbaadee yookiin odeeffannoo waan beekuu barbaadee sana barbaada.
Kanaaf yeroo waan barbaadan sana website kee irraa argatan, organic visitors si amanuu fi deebi'anii waan haarawa website kee irra barbaadu jalqabu.
3. Galii Dabalataa (Passive Income) Siif Uuma
Maxxansa (Article) tokko yommuu barreessite: Guyyaatti, Torbanitti, Ji’atti fi Waggaatti Traffic fiduu danda’a. Kun immoo hojii yeroo tokko hojjetame, bu’aa yeroo dheeraati jedhuudha.
4. Website Kee Authority Taasisa
Google wanta tokko ilaala: Namoonni Qabiyyee (content) kee barbaadaa jiru moo hin jiran?Yoo Namoonni qabiyyee kee barbaadan: Sadarkaa (Ranking) kee dabala.
Garaagarummaa Organic Traffic fi Paid Traffic (Daawwataa Beeksia Irraa Dhufe)
| Paid Traffic | Organic Traffic |
|---|---|
| Kaffaltii barbaada | Bilisa |
| Yeroo gabaabaa | Yeroo dheeraa |
| Amanamummaa xiqqaa | Amanamummaa guddaa |
| Baasii guddaa | Bu’aa guddaa |
| Dhaabbachuu danda’a | Itti fufaadha |
Kanaaf digital marketers yeroo hunda: organic irratti ijaaru feesisa.
Akkamitti Organic Traffic Argachuu Dandeenya?
Amma wanta organic traffic argachuuf barbaachisaa ta'eetti haa seennu.
Organic traffic argachuun: carraanii miti kan argamu. Tartiiba sirriitiin hojjachuun argama malee. Kanaafiis Tartiibni sirrii nuti hordofuu qabnu:
1. Qorannoo jecha Ijoo (Keyword Research) – Kuni Bu’uura Waan Hundaati
Ati maal barreessuu akka qabdu murteessuuf; namoonni yookiin dubbistoonni maal akka barbaadaan beekuu qabda.
Barreeffamni yookiin maxxansi kee; yaada kee qofa irratti kan hundaa'e osoo hin taane fedhii barbaadaa (Search intent) irratti hundaa'uu qaba.
Fakkeenya Keyword fedhii dubbistoota yeroo baay'ee:
- blogging for beginners
- how to make money online
- SEO basics
- digital skills learning
jechoonni ijoon (Keyword) je'an balbala traffic saaqa.
Qorannoo Jechoota Ijoo Baruuf: Dubbisi
2. Qabiyyee (Content) Nama Gargaaru Barreessi
Google wanta tokko qofa barbaada. Inniniis
Qabiyyeen (Conten)t fayyaa fi gatii qaba.
Qabiyyeen barreeffama keetii:
✔ Rakkoo haa hiiku
✔ Barnoota haa kennu
✔ Ifa haa ta’u
✔ Namatti haa tolu
Kan nama irraa hatame yookiin waraabame (Copy paste). Ofumaaf uumuu qabda.
3. SEO On-Page Sirnaan Hojiirra Oolchi
SEO jechuun: Search engine akka si hubatu gochuudha.
Waan Hojjechuu Qabdu:
✔ Title keessatti keyword galchi
✔ URL gabaabaa godhi
✔ Mata-dureef (Headings) sirnaan qindeessi
✔ Suuraa (Image) alt text fayyadami
✔ Keeyyata (Paragraph) gabaabaa barreessi
Kun readability fi ranking lamaanuu fooyyessa.
4. Qabiyyee (Content) Dheeraa fi Qulqulluu Uumi
Google qabiyyee gabaabaa hin jaallatu. Sababniis; namni odeeffannoo guutuu barbaada waan ta'eef.
Maxxansa (article) gaarii kan jedhamu:
- Ibsa bal’aa
- Fakkeenya kan qabu
- Step-by-step kan barraa'e
- Furmaata dhugaa kan of keessaa qabu
Kun sadarkaa (ranking) cimaa fida.
5. Itti Fufiinsaan Barreessi
Organic traffic'n guyyaa tokkotti hin dhufu.
SEO akka biqiltuu mukaati:
👉 Har’a dhaabda
👉 Boru hidda hidhachuu jalqaba
👉 Yeroo booda guddina itti fufa
Qajeelfama:
Torbanitti maxxansa (article) 2 barreessi. Ji’a muraasa booda jijjiirama ni argita.
6. Geessituu Keessoo (Internal Linking) Website Kee Guddisu
Geessituun keesso maxxansa (article) tokko kan biraatti walitti hidha.
Kun immoo:
✔ Google website kee akka hubatu
✔ Visitor yeroo dheeraa akka turu fi
✔ Fuuloota (Pages) hedduuf sadarkaa dabala
7. User Experience (UX) Fooyyessi
Namni website kee seenee; yoo rakkate yookiin waan barbaadu dhabe dafee baha.
Website'n kee:
✔ Saffisaa haa ta’u
✔ Salphaa haa ta’u
✔ Mobile irratti sirrii haa hojjatuu
Google UX ni ilaala waan ta'eef.
8. Qabiyyee (content) Evergreen Uumi
Qabiyyeen (content) tokko yeroo hunda qabiyyee barbaachisaa yoo ta'e; qabiyyee Evergreen jedhama.
Fakkeenyaaf:
- How to start blogging
- SEO basics
- Online learning tips
Qabiyyeen akkanaa; waggaa hedduuf traffic fida.
9. Backlinks – Amanamummaa Guddisu
Geessitun website biroo yoo siif eeran; google akka ati amanamaa taate ilaala.
Kun immoo sadarkaa (ranking) ol kaasa, traffic dabala.
Yeroo Hangam Sitti Fudhachuu Danda'a Bu’aa Argachuuf?
SEO ariifachiisaa miti.
👉 Ji’a 3 – jalqaba mul’ata
👉 Ji’a 6 – traffic dabala
👉 Waggaa 1 – website cimaa ta’a
Kana Irratti immoo namoonni obsan, milkaa’oodha.
Bal'inaan Dubbisuuf: Turtii Yeroo Hangamii Keessatti Adsense Irraa Galii Argachuu Dandeenya?
Dogoggora Irraa Of Eegi
Namoonni hedduun dogoggorri isaan ittiin kufan:
❌ Maxxansa (article) muraasa barreessuu
❌ Qulqullina (quality) dhabuu
❌ Jecha ijoo (Keyword) hin fayyadaman
❌ Ariifachuu
❌ SEO dagachuu
Organic traffic argachuun immoo tartiiba sirrii barbaada.
Faayidaa Organic Traffic Yeroo Dheeraa
✔ Branding ijaara
✔ Galii tasgabbaa’aa fida
✔ Ads irratti hin hirkatu
✔ Website asset ta’a
✔ Amanamummaa cimaa uuma
Kun business digital sustainable dha.
Tartiiba Milkaa’inaaf (Simple Action Plan)
Ji’a 1–2
- Keyword research godhi
- Articles 10 barreessi
Ji’a 3–4
- Internal linking sirreessi
- SEO fooyyessi
Ji’a 5–6
- Traffic jalqaba
- Ranking mul’ata
Ji’a 6+
- Growth dhugaa argita.
Akkamitti Biloogii (Blogging) Jalqabuu Fi Maallqaeeysuu (Monetize) Godhuu Dandeenya?
Xumura
Organic Traffic jechuun: bu’uura milkaa’ina website ti.
Ads: yeroo gabaabaa si gargaara.
SEO + Organic Traffic: yeroo dheeraa jireenya website jijjiira.
Kanaaf:
👉 Baradhu
👉 Content gatii qabu uumi
👉 SEO hojiirra oolchi
👉 Obsaan itti fufi
Guyyaa tokko: traffic si barbaada, osoo ati hin barbaadin.
Baay’ee Baay’ee wanti na rakkisu hubatu dhabuu kooti garuu naaf galutti jira sirritti naaf galchaa akkatti